BOQONNAA SADII WANGEELA WARRA MUUSLIMOOTAAF SEENSA Amantiin Isilaamaa osoo hin jalqabin dura Addunyaan bifa lamaan turte. Addunyaa Kiristaanaa fi kan Amantii hin qabne jedhamee beekamaa ture. Erga Amantiin Isilamaa eegalee booda garuu, Kiristaanaa fi Isilaama jedhamee hirame. Akka fedhe illee Amantiin kiristaanaa, Amantii Isilaamaa dura waggaa dhibba jaha dursuun yoo eegale illee, kara itti Amantiin Isilamaa babal‟ateen waan hin babal’annneef, Amantiin Isilaamaa ariitiin babal’ateera. Siyaasaa fi diinagdee biyyoota Arabaa Osoo amantiin Isilaamaa biyyaa Arabaa keessatti hin eegalin dura bakka lamatti qomoo hiraman turan. Tokkummaas hin qaban turan. Wantoota wal fakkaatoo waliin hirmaatanis qabu turani kan akka bishaanii, marga, Gaalaa fi daldala garaa garaa. Walitti bu’iinsii fi lolli isaan gidduutti tureera. 1. Jireenya Kiristaanotaa biyya Arabaa keessatti Biyya Arabaa keessa kan jiraatan Pheriziadhaa ari’atamin kan dhufan dha. Bara sanatti Biyyi Arabaa Mootummaa Pheriziaa fi Bezantaayuu jalatti kan bulan waaqa Zoro’astiinyaan jedhamu hordofaa turan. Imipaayer kan godhamu aboof walitti bu’iinsa isaan godhan gidduutti ture. Lamaanuu amantii Kiristaanaa hordofaa kan jedhan turan. Amantiin Kiristaanaa siyaasaa fi bittaa wajjin walqabatee ture. Kana irraa kan ka’ee Berataayin jala kan turan (Turik, Sooriyaa, Gibxii fi Kibbilixaa Awuroppaa) bittaa perizia jala kan turan (Iraaq – Afagaanist) turan. Sababni walitti bu’iinsa isaanii dhimma barsiisa hafuuraa ture. Ortodoksii fi Neesi tooriyaan gidduutti mootummaan Bezantin Ortodoksii deggeruun. Lamaanuu Mootummaa Bezantin keessatti kan argaman Amanti Kiristaanaa kan hordofan turan. Neesitoriyaan akka barsiisa sobaatti ilaalamaa ture. Mootummaan Perizia Neesitoriyaa deggeruun, walitti bu’iinsi Kiristaanota kanaa Araboonni gidduutti akka hacuucaman godheera. Amantii Kiristaanaas amantii warra bittaa irra jiranii gochuun yaadaa turan. Karaa biraan ammoo Araboonni waaqolii tolfamoo fi qomoon wal dhabdee keessatti rakkachaa turan. a. Kiristaanoonni qabxiilee irratti waldhabaa turan keessaa muraasni: ❖ Maariyam durbi haadha Gooftaati moo miti? Dubartiin akkamitti Waaqayyoon deessi? ❖ Yesuus Kiristoos fannifamee du’eera yemmuu Kiristaannooni jedhan, Musiliimonni ammoo hin dune olfudhatame jedhu (Suura 4:57) ❖ Yesuus Kiristoos Waaqayyoodha Kirristaannooni yemmuu jedhan Musiliimonni ammo inni nama qofa jedhu. ❖ Warri Ariyoos barsiisa isaanii keessatti yesuus, waaqayyoon miti, Waaqayyo tokkicha jedhu. ❖ Sadan tokkummaa Waaqayyoo kan jedhamu abbaa fi maariyaam kan jedhan turaniiru. Yesuus Waaqayyoon miti kan jedhan turaniiru. (Suura 5:16) ❖ Kiristaanonni dadhaboo turan. (Suura 9:34, 5:14) ❖ Adda addumaan kunniin kiristaanota gidduutti adda wal qooduu fide. 2. Osoo Amantiin Isilaamaa hin Jalqabin dura lafti Arabaa Maal fakkaatti turte? Biyyi Arabaa bakka itti barsiisni amantii adda addaa barsiifamu qofa osoo hin taane, waaqa tolfamoo mataa isaaniin illee kan faalaman turan. Kana irraa kan ka’e dachee Arabaa irra Gosa amantaa Afurtu turanii Waaqa tolfamoo kanneen waaqessan makkaa kaabaa bakkee jedhamuti Waaqeessaa turan Amantii Kiristaanaa Amantii Yihuudii Haniifiyaa (Waaqa tokko qofa Araboota amanan) kun ammo musiliimota biratti jahiiliyaa (bara dukkanaa) jedhamee beekama (suura 28:46) Makkaan Bara dukkanaa kana keessa bakkeen waaqoollii tolfamoof gidduu galeessa turte. Mana Waaqoollii tolfamoo kana keessa Waaqolii tolfamoo 360tu turan. Kanneen keessaa kan caalaatti beekaman ilmaan sadan Allahaa jedhamuun kanneen beekamanii dha. Al-laat (Ali – Allahi) Maqaa uumaa irraa kan fudhatame Al-menat (Al-menan) kan jedhu irraa kan fudhatame Al-uzaa (Al-Aziz) ykn mo‟icha kan jedhu irraa fudhatame (suura 53:19-20). Kanneen biroo ammoo Waaqa Abraahaam qofa hordofna jechuun raajota kanneen simatan turaniiru. Karaa biroon ammo duubatti hafoo fi eenyu illee xiyyeeffannoo kan itti hin laatne turaniiru. Kanaaf yeroo amantiin Isilaamaa jalqabetti salphaatti fudhatan. 3. Jalqabii Amantii Isilaamaa Ergamaa Mohaamed Muhaammed kan dhalate abbaa isaa Abdullah fi haadha isaa Amiinaa irraati bara 570 Dh.K.B. Makkaati Abbaan isaa kan du‟e osoo Muhaammed garaa haadha isaa keessa jiruuti. Akaakaa isaatu isa kunuunsaa ture hanga inni waggaa saddeetti ta’utti . Ergasii booda wasiila isaa Abdal- Muttolib guddisee isaa ta’e hanga gaafa du’uutti bara 619 Dh.K.B. Yeroo sanatti Muhaammed waggaa 49 ture. Osoo wasiili isaa hin du’in yemmuu waggaa 12 daldalaaf Siiriyaa deemee ture. Yeroo kanaa nama kiristaana ta’e Bahira kan jedhamu waliin wal quunnamee ture. Namich kun Abu Talibitti akka Muhaammed ergamaa (raajii) ta’uuf jiru itti himee, Muhaammed akka inni warra yihuudotaa irraa ilmaan isaa dhorkus hubbachiise. Ergasii booda Muhaammed kun daldalaa beekamaa ta’e Nama amanamaas ture yeroo Muhaammed waggaa 25 dubartii daldaltuun umrii waggaa 40 Kadijjaa jedhamtu waliin wal fuudhe. Isheen kan abbaan manaa irraa du’ee fi sooretti turte. Kanaan boodas ijoollee dhiira lamaa fi durba afur godhatan. Haa ta’u malee Faaxumne ishee jedhamtu malee kanneen hafan hundi ijoollummaa isaanitti du’an. Jireenya gaa’elaatti seenuun isaa akka inni uumaa isaa barbaadee beekuuf gumaacha guddaa godheeraaf. Waaqolii waa’ee hin baafne dhiisee karaa waaqayyoo Allahaa irra akka bu’u ta’eera. Waamicha Raajicha Muhaammed Bara 610 Dh.K.B. Muhaammed Mul’ata isa jalqaba Allahaa irraa argate karaa ergamaa Gebriel, yeroo Holqa Hiira ‟Hira Cave‟ keessa turetti. Kunis magaalaa Makkaatti dhi’oo ture akka aadaan musiliimaa barsiisutti, ergaan inni fudhate “Iqiraa’ii” kan jedhu ture innis yeroo inni waggaa 40 turetti ta’ee, waan hin baranneef, ergaa kana of irraa deebise jedhu. Ergamichi garuu ergicha fideef sana akka dubbisuuf dirqisiisee, Muhaammed garuu Allahaa biraa haa ta’u, seexana biraa haa ta’u adda baafachuun isa dhibee abdii kutateera. Ergasii booda Holqa keessaa fiigaa gara haadha manaa isaa Kadijaa deemee dhokate. Ergasii booda isheen gara namicha kiristaana ta’e tokkoo Waraqah Ibn Nafil, jedhamuutti geesite. Innis akka Muhaammed dubbii waaqayyoo argate mirkaneesseef. Kunis akkuma Museen ergaa waaqayyoo biraa argatee ilmaan Israa’el birmaduu baaseetti fakkeeffame. Kun egaan amantaa haala itti quraanni dhufe ibsu dha. Islamummaa jechuun jecha Afaan Arabaa yemmuu ta’u, hiikni isaa fedhii Allaaf bitamuun nagaa argamu jechuu dha. Amantii kana namni hordofu ammo Musliima jedhama. Bu’uura Amantii Isilaamaa: Aadaa Arabaa, aadaa jireenyaa fi amantii (Waaqa samiraa jiraatu) Amantii Kiristaanaa isa manca’e (barsiisa adda addaa) Amantii yihuudii (Kakuu moofaa irratti kan hundaa’e) Mul’ata Muhammad isa jalqabaa Haala kana irra osoo jiruu akka tasaa karaa Ergamaa Gabri’eel ergaan Waaqa biraa naaf dhufe jedhu. Innis “Iiqiraa’i” kan jedhu dubbisi ajaja jedhutu naaf dhufe jedha. Halkan kunis “Laayilet al-qadir” (Halkan humnaa) jedhamee waamama. Mul’ata kana egaan sodaan haadha manaa isaa kedijjaatti hime. Isheenis akka tasaa Jinnii ykn seenatu itti dubbate jettee. Shakkuun Kiristaanaa Warqaahi Abiin jedhamu mariisfte. Warqaahis deedeebi’ee holiqicha haa deemu ittiin jedhe. Ammas yeroo lammataaf bara 612 Dh.k.B mul’atin kan biroon naaf dhufe jedha. Kunis “Ka’ii of eeggachiis” kan jedhu (Suura 74:11). Egaan barsiisa Raajicha Muhammad waggaa sadii jiraatota Makkaatti labsame (dhoksaan) ergaa mul’ateef kana ture. Bara 615 Dh.k.B maatiin isaanii Amantii Islaamaa fudhatan. Xiyyeeffannoo Barsiisa Raajicha Muhammed ❖ Tokkummaa uumaatti amanuu ❖ Guyyaa Qiyyaamaa (Firdii bara dhumaa) Amanuu ❖ Waaqolii tolfamoon akka gatii hin qabne ❖ Waaqayyoof waaqeffannaa malu ❖ Murtee Diinaagdee fi hawwaasummaa ❖ Uumaa ta’uu Allahaa Lallaba isaa kanaan namootni Qureesh Amantii Islaamaa amananii fudhatan. Xoolih Abinu Abdelahi, Zubeyir Abinulihiwam fi kkf bara 615 Dh.K.B amantii isaanii ifatti barsiisuu eegalan. Baay’inaan kan amanan garuu garboota turan. Kana irraa kan ka’e kanneen makkaa jiraatanii waaqa tolfamoo waaqesanii fi garee Muhaammed gidduutti waldhabbiin uumame. Ari’atamins irra gahe. Sababa Ari’atamichaa ➢ Waaqoollii tolfamaan mormuun Muhaammed ➢ Muhaammed ani Raajiidhaa of jechuun. ➢ Raajiin ammo kan ka’u qomoo yihuudotaa keessaa malee maatii Hashiim keessaa miti yaada jedhu qabu turan mormitoonni isaa. Raajichi Muhammed Kadijjaa haati manaa isaanii waan duutteef gaddaa halkan turanitti, ergamaan dhufee gara Yerusaalem akka geessu, achii immoo gara samiitti ol akka fudhatu itti dubbate. Guyyaatti yeroo shan sagaduun kan dhufe yeroo kana. Gara Yerusaalm kan deeman farada balali’uun akka ta’e dha. Haa ta’u malee Muhaammed qaamaan osoo hin taane, hafuuran deeman jedhu kanneen yeroo sana Muhaamed wajjiin turan. Sababni isaas inni halkan sana manaa hin baane. Gidiraa raajichi Muhaammed irra gahu irraa kan ka’e, qomoon Quuresh baay’een Amantii Islaamaa fudhataniiru. Gareen biroon ammo aarii raajicha Muhaammediin ajjeesuuf kaka’an. Kanaaf bara 622 Dh.K.B ergamaa isaan Jibbiril (Gebri’el) jedhan baqadhu waan ittiin jedheef duukka buutota isaa fudhatee gara halkan gara Madiinaa deeman. Deemsi yookaan baqannaan kun Hijjiraa jedhamuun waamamma. Raajiin kun gara magaala Maadinnaatti kan seenan guyyaa waan tureef “Magaalaa Ergama” jedhamte. Uummati Madiinaa yoo isaan Simatan illee, yihuudonni Madiinaa turan isaan hin simanne. Kanaaf yihuudota gammachiisuuf Muhaammed barsiisa isaa keessa ayyoonota yihuudotaa galchaa ture. ❖ Yihuudota biratti guyyaa dhiifamaa kan jedhamu musiliimonnis akka sooman ❖ Yihuudonni guyyaatti yeroo sadii waan kadhataniif, musiliimonnis yeroo eeganii akka kadhatan ❖ Kallattiin kadhannaa gara yerusaalem akka ta’u ❖ Musiliimonni dubartoota yihuudotaa akka fuudhan; nyaata isaanis akka nyaatan ajajaman. (Suura 5:5). Haa ta’u malee yihuudonni raajummaa Muhaammed waan hin fudhanneef, jibbi musiliimootaa fi Kiristaanota gidduu tti ta’e. Kana irraa kan ka’e ayyaana Kiristaanotaa musiliimonni Kabajuuf ajajaman akka hafu godhan. ❖ Kallattiin Kadhannaa ni jijjiirame gara Yerusaalemiitti kan ture gara kaabaatti deebbi’ee ❖ Guyyaa dhiifamaa kan ture gara Raamadaanatti jijjiirame Amantiin Islaamaa Amantii Abrahaam jedhame, sababni isaas amantiin Kiristaanaa yeroo Museetti kan qindaayee yemmuu ta’u, kan Islaamaa garuu isaan dura ture jechuuf. Haa ta’u malee Abrahaam Musiliima jechuuf odeeffannoo gahaan hin jiru. ❖ Bilbilli waamichaa, bilbila Azaaniin bakka bu‟e ❖ Hajiin Yerusalemii gara makkaa deeme ❖ Amantiin Isilaamaa hafuura qofa osoo hin taane, hawwaasummaa fi siyaasa of keessatti qabate. Ergasii booda Raajichi Muhaammed Madiinaa yemmuu jiraatu waggaa lamaaf haawasa bifa armaan gadiin Musliimaa qindeesse 1. Amantii Islaamaa lallabuu 2. Waraana qindeessuu: - kana jechuun magaalaa fi baadiyaa kan isaan mormaan loluuf. Islaamotni Addunyaa bakka sadiitti qoodu A. Daangaa Nagaa Bulchaan biyyaa Musiliima kan ta’ee fi seeri ittiin bulmaataa shariyaa yoo ta’e daangaa nagaa jedhama. Fakkeenyaaf: - Sa’ud Arabiyaa, Sudaan, Jibuut, Iran B. Daangaa itti obsaan Naannoo kana kan bulchu musiliima miti, seeri ittiin bulmaataas shariyaa miti Fakkeenyaaf: - Itoophiyaa, Amerikaa, Afrikaa Kibbaa, Nageeriyaa C. Dangaa lollaa Guutummaa guutuutti mirgi kan hin kennamneef dha. Akka hin saganne, hin waaqesine kan itti dhorkaman naannoo lolaa jedhama. Haa ta’u malee naannoon akkasii lafa irra hin jiru. Babal’ina Amantii isilaamaaf shora guddaa kan taphatan 1. Warri makkaa gara biyyaa ari’atamuun biyyoota birootti seenuu 2. Weerara Giraahinyi Ahmed 3. Babal’ina daldalaa, walitti dhufeenya gaa’elaa Biyya Itoophiyaa keessatti 4. Bara Atse Tewodros fi Atse Yohaannis warri walloo biyya keessatti bitimfamuun akka amantii islaamaa babal’atu godheera. 5. Atse Minilik Arusii irratti lola godhan, aadaa oromoo keessatti amantii kiristaanaa siyaasaan waan wal qabsiisaniif amantii Islaamaa fudhataniiru 6. Kufaatii Dargii booda Amantii Islaamaa irratti jijjiirama dhufaniif sababa kan ta’an: ❖ Siyaasaa fi Amantii haala birimaduu qabuun fayyadamu ❖ Haala qindaayina mootummaa (Godina, naannoo) ❖ Baasiin masigiidaaf ramadame seeraan hojii irra ooluu (Musiliim 10 bakka jiranitti masgiida 1 ijaaruu) ❖ Lallabuun kallatti tajaajila isaanii cimsuu ❖ Gabaa bilisaa biyyatti fayyadamuun bakka olaanaa qabachuu ❖ Mootummaa wajjin hojii qindaayina qabu hojjechuu Yesuusii fi Amantii Islaamaa Musiliimonni kan amanan 1. Yesuus Waaqummaa isaa, ilma waaqayyoo akka hin taane fi gara warra Yihuuditti ergamaa ergame tokko godhaniiti. 2. Yesuus waa’ee cubbuu namootaaf jedhee fannoo gubbaati hin duunne. Kanaaf fayyisuu hin danda’u jedhu. 3. Raajii inni dhumaa Allaa fi ergamaa kan ta‟e, Quraannis karaa isaa Mul’ate Mohammed. Waaqayyoo fi Allahaa ❖ Waaqayyoo: - waaqayyo tokko garuu sadan tokkummaa waaqaan mul’ateera. Sadan tokkummaa keessatti Waaqayyo Abbaa fi Ilma, Hafuura qulqullouu kan jedhamuun beekamu. Macaafa Qulqulluu keessatti haala itti waaqayyo ofii isaa ibse akkasiini. ❖ Allahaa: tokkummaa fi baaqqee akka ta’e dha. (Suuraa: 5:75, -Suura 4:171, 19:35, 9:30) ❖ Waaqayyoo: - Amalli Waaqayyoo inni beekaman fi ijoon maal? Jedhamee osoo gaafatamee Kiristaannooni baay’een jaalala jechuun deebisu. Sagalee waaqayyoo keessa iddoo muraasa osoo caqasnee haala itti aane jirun nuuf ibsu: “Ammas Waaqayyoo fagootti anatti mul’atee, saba kanaan, “Ani jaalala bara baraatiin si jaalla dheera, kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi’eesse” (Erm. 31:3). “Inni isaaniin, isaan dhugumaan saba kooti, ilmaan ana hin sobne dha? Jedhee ture. Kanaaf inni fayyisaa isaa niif ta’e, yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate, errgamaan isaa inni isa bira jiru isaan in oolche, Waaqayyoo ofii isaatii jaalala isaatii fi hoo’a isaatiin isaan in fure, inni durii duriitii jalqabee yeroo hundaa ol fuudhee isaan in baate”. (Isa. 63:89). ❖ Allahaa kabaji! Allahaan ulfina qabeessa, Allahaan guddaa dha, Allahaan hamaa dhas, (Suuraa 3:26, 6:65). Dameewwan Amantii Islaamaa 1. Suunii Jecha Afaan Arabaa “sunaa” jedhu irraa kan dhufe dha. “sunaa” jechuun haala adeemsaa jechuu dha. Kanaafuu suuniin adeemsa raajichaa kan hordofanii dha. Raajonni kunis Abu Bekar, Umar fi Usmaan akka ergamtoota Allahaa warra dhugaatti lakkaa’uu. ➢ Suuniin warra xibaartuu wajjin deemuu jaallatu. Amantii Kiristaanaa keessas suuniin baay’ee dha. ➢ Biyyoonni isaan baayyinaan keessatti argaman Sa’ud Arabiyaa fi Itoophiyaa 2. Shiiyaa Warri kun immo Iranii fi Iraaq keessa musliimota jiranii dha. Isaan kun ergamoota arfan keessaa Alii qofa simatu. 3. Wuhaabiyyaa Warri kun immo suuniidhaan ni mormu. Hin qaaminaa jechuun barsiisu, uffataan fuula isaanii dhoksuun ofii isaanii Quraanaaf bitchisiisuuf kan yaalanii dha. Selafiis jedhamuunis ni waamamu. Cimsaanii Amantii isaanii kan hordofan yemmuu ta’an, kanneen biroon in mormu. Kaneen birooo Akka musliimaattis isaan hin lakkaa’an. 4. Mutaazilaayitis Warri kun baay’inaan Itoophiyaa keessatti hin argaman, shiyaa keessaa ba’an. Isaan kun ergamoota hundumaa in simatu. Ergamoota Hutimaan, Abubekar, Umar in simatu. Isaan kun Muhaammed erga du’ee booda bara 732 Dh.k.B kan ka’an. ➢ Raajichi Muhaammed fi Quraanni Walqixa jechuun yemmuu amanan, warra Mutaazalayisitiin hin fudhatan. Sababni isaas Quraanni dubbii sagalee Allahaa yoo ta’e “Allahaan dursuu qaba” jedhu. 5. Warra Ahmediweyan: Warri Kun kan eegale namicha biyya Hindii Miirzaa Gulihaam Ahimed naannoo Punjaa keessa ta’e bara 1865 – 1908 Dh.k.B kan jiraateen ture. Namichi kun raajii inni dhumaa ana jechuun sababoota shan kaa’eera ➢ Kiristoos fannoo irra ooluu oolera garuu hin dune, biyya Hindi deemee jiraate. Kaashamir, siiraa deemee achitti du’e. ➢ Ahimediyaas raajii isa dhumaa ti. ➢ Ofii isaa “Ani Masihii dha” jedha. ➢ Amantiin Isilaam, Amantii qoroominaa akka ta’u godheera ➢ Niitii baay‟ee fuudhuun in morma, tokko tokkoof jedha. 6. Suufii Warri kun immo du’aitti amanu, eebisuun qarshii fidaa jedhu. Dibe rukutuun beekamu. Quuraana Quraanni jecha Afaan Arabaa yemmuu ta’u, macaafa dubbifamu dha. Jechi Quraana jedhu kun jecha “Iiqiraa” Jecha jedhu jecha Arabaa irraa kan dhufe dha. Iiqiraa jechuun ammo sagalee ol kaasuun waan dubbifamu jechuu dha, warri musliimaa waa’ee Quraanaa waan 4 amanu. 1. Kallattiin samii irraa bu’e jedhu 2. Harki namaa keessa hin seenne jedhu 3. Karaa Jibirili kan mul’ate dha 4. Karaa muhaamed dhufe Quraanni kan dhufe afaan arabaan. Allahaan Afaan Arabaa waan dubbatuuf Quraanni Afaan Arabaan mul’ate jedhu. (suuraa 43:3). Quraanni Eessa Ture? ➢ Quraanni bara bara dura samii 7ffaa irra ture. Osoo hin beekamin samii 7ffaa gara samii 3ffaa dhufe ➢ Samii sadaffaa irraa fuula fuulaan jibiriiliin muhaamediif ibse. Achiin booda deebisaa ture. Haala kanaan yemmuu qo’achiisu, mohaammed sammuutti qabachuuf waggaa 23 itti fudhate. ➢ Ergasii booda qo’achiisee erga xumuree, Jibiriil osoo hin beekni gara samii 7ffaati deebi’e jedhu. Qindaa’ina macaafichaa Quraanni macaafaan osoo hin taane, boqonnaan kan hirame. Boqonnaa isaa guutuun suuraa jedhamu, boqonnaa 114 yemmuu ta’u makkaa fi madiinaatti bu’an. ❖ Makkaatti suraa 86 yemmuu bu’u ❖ Madiinaatti suraa 28tu bu’e ❖ Suraa jechuun Afaan Arabaan boqonnaa jechuu dha. Lakkoofsonni Quraanaa 6666 dha. Haalli barreeffama isaa boqonnaa tokko malee, boqonnaa 2ffaa kaasee hanga boqonnaa 114ti hir’achaa deema. Boqonnaa inni guddaan boqonnaa 2ffaa dha jechuu dha. Qur’aana Keessaa kan Badan Keyyatoota 213! Ustaazonni Qur’aanaa Qur’aanni itti hin dabalamne irraas hin hir’ifamne jechuudhaan yommuu dubbatan dhaga’amuun wanta beekamadha. Garuu Musliimonni kanneen jalqabaa kutaaleen Qur’aanaa hedduun isaanii badanii hafuu isaanii ragaa ba’aniiru. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Ubey Biin Kaa’ib akka ragaa ba’utti Suurat Al-Ahzaab yommuu jalqaba “buufame” dheerinni isaa hanga Suurat Al-Baqaraa akka turee fi muraasni isaa ammoo badee amma kan jiru qofti hafuu danda’eera. Aziir irraa dhag’uun Asiim Iibin Baahidalaah akkuma dubbate: Ubey Iibin Kaa’ib Baahidalah akkana naan jedhe: Suurat Al-Ahzaab yommuu dubbifattu hangam dheerata? Yokiin keeyyata hammamii ti jettee yaadda? Keeyyata 73 jedheen deebiseef. Innis isa kana qofadha? Jechuudhaan naaf deebise. Hamma Suurat Al-Baqaraa yerootti dheeratu jira ture. Keessa isaattis akkana kan jedhu ture. “Dhiirri ga’eessa ta’ee fi durbii ga’eetti taate yoo ejja raawwatan lamaan isaanii dhagaan rukutaa ajjaeesaa, kunis adabbii Allaah biraa ta’eedha. Allaan hundumaa kan danda’uu fi ogeessadha” (Musnaad Ahimad Hadiis lakkoofsa 21245). Namni hayyuu Ibin Hazim jedhamu kun Haadisa Saahiih ta’uu isaa dhugaa kan hundi beeku ta’uu isaa dubbateera. Ibin Katiir ammoo Isnaadni isaa sadarka Hasan qabaachuu isaa dubbateera. Hayyooti Musliimaa gurguddoon haadisni kun dhugaa ta’uu isaa walii galu. Suurat-Al-Baqaraan keeyyatoota 286 kan qabaatu yommuu ta’u Suurat Al-Ahzaab ammoo keeyyatoota 73 qofa ni qabaata. Kanaafuu keeyyatoonni 213 ta’an kitaaba Allaah keessaa badaniiru jechuudha. Wantoota Muslimootni Amanan ja’aan 1. Allahaatti Amanu ➢ Amantii Isilaamaatti Allahaan maqaa 99 qaba; kun ammo amala isaa ibsu ➢ Allahaan Abbaa ta‟uu hin danda‟u (Mi 112:3); kanaaf Abbaa jedhanii hin waaman ➢ Allahaan Waaqa tokkicha (the only one God) ➢ Nuti garuu qaamaan sadii, waaqa tokkicha jennee amanna. Allahaan Amaloota torba jedhu. a. Lubbuu qaba Jalqabaa fi dhuma hin qabu b. Beekumsa qaba, Hundumaa beeka c. Akka keenyatti gurra hin qabaatin malee ni dhaga’a. (suuraa 31, 38, 6:39) d. Fedhii qaba, Allahaan waan fedhe gochuu danda’a e. Akka namaatti osoo hin taane ni dubbata.,. f. Humnadha, Allahaan hundumaa in danda’a. Warra musiliimaaf inni kun amaloota Allahaa keessaa isa iddoo guddaa qabu dha. g. Ni arga: - Allahaan akka namatti ija qaba jechuu miti garuu waan hundumaa in arga. 2. Ergamootatti in amanu Jibiril – Ergamaa mul‟ataa jedhuun Suraafel – Guyyaa Qiyyaamaatti malakata kan afuufu Izirafeel – Ergamaa du‟aa Ergamaan nama eegu jira namaa tokko Ergamoota 4tu eega jedhu. Menkiirii fi Naakir kanneen jedhamanis jiru Musiliimonni raajonni 1024 akka jiran amanu. ❖ Macaafni kan bu’eef (resuul) yemmuu jedhaniif baay’inaan 315 jedhanii amanu. ❖ Macaafni kan hin buuneef (124,000) dha ❖ 124,000 raajota baay’ina kana qaban keessaa 28 maqaan isaanii Quraana keessatti caafamee jira. Kanneen keessaa ammo 3 Araboota jedhu. 1. Muhaammed 2. Suuliihi 3. Shaahuyidi ❖ Quraana keessatti kan caqafaman keessaa 6 kan ulfina argatanii dha. (28 keessaa jechuu dha) 1. Addaam – Allahaan kan fo‟ame 2. Nohi – Allahaa kan labse 3. Abrahaam – biriyaa (michuu) Allahaa 4. Musee – Allahaa wajjin dubbachaa kan ture 5. Yesuus – Sagalee Allahaa fi hafuura Allahaa biraati 6. Muhaamed – Ergamaa Allahaa 3. Seera ykn Heeratti amanuu 4. Guyyaan firdii akka jiru in Amanu (The day of judgement) Warri musiliimaa adabbiin bara dhumaatti akka jiru in amanu Akka barri dhumaa gaheen mehaad in dhufa jedhu. Mehaad gosa Qureesh, hidda raajicha muhaamed dha jedhu. Madiinaa fi makkaa deemee waggaa 7f Imaama barsiisa. Isaan booda, kan dogongorsu Al-Jaal namni jedhamu ka’a, Al-Jaal kun ija lamaan isaa gidduu fageenya 20km ta’utu jira jedhu. Namichi kun barsiisa isaan nama dogongorsuuf ka’a, kanaan booda Isaan (Kiristoos) dhufee harka isaa tokkichaan isa ajjeesa. Kanaan booda Isaan Yeroo dhufu • Addunyaa irra fannoo jiran balleessa • Niitii fuudha • Dhukkubsatee du’a Ergasii booda raajicha Muhaammed biratti awwaalama. Guyyaan du’aa ka’uu ta’eef, Allahaan mul’ata. Fuula Allahaa namoota 4tu dhaabata 1. Abu bakar 2. Muhammed 3. Siisay 4. Umar 5. Macaafotati ni amanuu ❖ Muusaaf kan bu’ee Taaworat macaafota Musee shanan ❖ Daawitiif kan bu’e (zaaburin) farfannaa Daawit ❖ Isaaf kan bu’e (injiin) wangeelota arfan. ❖ Muhammediif kan bu’e Quraana 6. Quraanaatti Amanuu Wantoota Muslimootni raawwatan ja’aan 1. Shihaadaa shihaada jechuun (La-ilaa – laa ilaalaa muhamed resuulalaahi) Allahaa qofa malee waaqni biraa hin jiru, ergamaa isaa ammo muhammediin amanuu dha 2. Salaata ykn sagada Guyyaatti yeroo 5 musiliimin kam illee fuula isaa gara makkaatti naanneessuun sagaduutu irraa eegama mi’i 27:78-79, 2:238-239, 29:45 3. Soomii Waggaatti yeroo tokko sooma Ramadaanaa miidhaanii fi bishaan irraa fagaachuun kan raawwatamu dha. Kun ji’i kun mul’anni yeroo jalqabaa raajicha muhaammediif yeroo itti dhufeef ture. ❖ Akka hin soomne namootni dhorkaman jiru ✓ Nama dhukkubsate, ✓ Nama baay’ee dulluume, ✓ Dubbartii ulfa fi deessee kan hoosiftu ✓ Ijoollee umrii waggaa 14 gadii 4. Zakkaa (Kurnoo jechuu dha) Musiliimin kamillee yeroo sagadutti kan kennu dha. Qabeenya kan qaban hundi kana baasuu qabu. ✓ Zakkaan kan murteeffame 2.5% ✓ Yoo rooba bokkaa fayyadama ta’e 5% baasa ❖ Sadaqaanis jira. Kun ammo hiyyeesota walitti qabuun nyaachisuu dha. Sadaqaan gochaa gaarii musiliimoo nni baay‟een itti hirmaatani dha. Jaallatinis kan raawwatanii dha. 5. Hajii Musiliimin tokko yoo xiqqaate jireenya isa keessatti al tokko makkaa arguu qaba 6. Lolaa Qulqulluu Arabni guutummaan kan eegan, akka jagnummaa tti kan lakka’an, ajaja Allahaati jedhu Sochii musiiliimotaa du’a Raajicha Muhaammed booda Du’a isaa booda amantiin Isilaamaa kutata garee Afuriin geggeeffamaa ture. 1. Abubakar Sa’idiiq Geggeessaa jalqabaa bara 632 – 634 Dh.k. B Muhaammediif michuu dhi’oo ture. Bara mootummaa isaatti uummata musiliimaaf wantota gurguddoo hojjeteera. a. Amantiin Isilaamaa Addunyaa guutuu irratti akka beekamu godheera b. Waranaaf biyyoota iraaq, iraan, sooriyaa fi filisixeen keessaa fo‟eera c. Biyya Arabaa qooduun kan balchan muudeera d. Quraana walitti qabuun macaafa tokko ta‟ee akka ta‟u godheera kanaa fi kkf hojii gurguddoo hojjeeteera. 2. Umar Abune Haxaab Hoogganaa isa 2ffaa, bara 634 – 644 Dh.k. B umar jagnummaa isaa fi lolaan beekama. Raajicha Muhaammed wajjin lola baay’ee loleera. Bara isaanitti babal’iina amantii Isilaamaaf shora guddaa taphataniiru. a. Bittaa Isilaamaaf jalatti warra kufan akka seera shariyaan bulan godheera b. Duratti biyyoota kiristaana turan pherishiyaa, yerusaalem, hanga hinditti deemuun to’annaa isilamaa jala galcheera. c. Afiriikaa Bahaa guutummaa guutuutti to’annoo isilaamaa jala galcheera. Biyyoota keessatti seera shariyaa dhaabuun Geggeesitoota muudera. d. Seera Bulchiinsa Isilaamaa diriisuun kuma afurii ol kan ta’an masgiidota ijaareera, mana barumsaa isilaamaas babal’iseera e. Raayyaa waraanaa kan yeroo fi dhaabbataa jechuun gara miliiyona tokkoo qindeesseera f. Yerusaalemitti masigiida ijaareera, lakkoofsa guyyaa Arabootaa (Calendar) akka jalqabu godheeraa. Egaan Amantii isilaamaa Muhaammeditti aansee kan babal’ise umaridha. 3. Usmaan Iibinu Afanii Hoogganaa 3ffaa bara 644 – 656 Dh.k.B Musiliimota gara Itoophiyaa dhufan keessaa tokko ta’ee, qabeenya isaa hunda jihaadiif kan kenne ture. Usmaan bara bittaa isaa mormiin kan xumure yoo ta’e. a. Yeroo baay’ee human bishaan irraa mo’achuun biyyoota baay’ee weeraeera. (Iraan, Isiyaa ishee xiqqoo, Afagaanistan, Soobet hiberet, Ispeen fib aha Afiriikan) b. Barsiisota Quraanaa biyyootatti ramaduun Quraanni akka babal’atu godheera. 4. Alii – Abinu Abuxaalib hooggaanaa 4ffaa bara 656 – 661 Dh.k.B yeroo mootummaa isaatti madiinaa yihuudota jiraatan haleeluun qabeenya isaanii saamee biyyaa baaseera. Booda dandeettii bulchuu waan hin qabneef, musiliimoonni qoodamuu eegalan. Tasgabbiis dhabaadeeman. Sababa kanaaf biyyoota biro weeraruuf lolli jihad addaan cite. Aliin erga du’ee boodas garee musiliimaa hedduutu uumame. Amantiin Isilaamaas akkuma duraatti babal’achuu garuu hin dandeenye. Biyyi Arabaa biyyoota Awurooppaa waliin lola kaasanii booda bittaan isilaamaa harka Turkii fi kanneen biro harkatti kufe. Yeroon booda lolli fannoo dadhabee, Mootummaan Turkii mo‟achuun, bulchiinsa Turki fudhat. Turki Amantii isilaamaa kan fudhatan Araba kan hin taane dha. Keessattuu Turkii Atomaan (1300 – 1924) bittaa isaanii babal‟isuuf bittaa isilaamaa alatti kan turan (Girik, Bulgaariyaa, yigozilaaviyaa, Alabaaniyaa, Armaaniyaa Haangarii) tolannoo isilaamaa jala akka galan godhaniru. Qajeelfamota barbaachiso yammuu Musiliimotatti dhi’aanu nu fayyadan Adeemsotni armaan gadii warra Musiliimotaaf wangeela dhugaa bahuuf kanneen fayyadan dha. Isaanis barsiisa Macaafa Qulqulluuti. 1. Garraamummaan (Gara laafummaan) 2. Wal loluu ykn isaan wajjin walitti bu’iinsa irraa fagaachuu 3.Waa’ee Amantii kee irratti dhufu ciminaan dhabadhuu deebisi. 4. Waan deebisitu hundinuu akka barsiisa Macaafa qulqulluutti ta’uu qaba. 5. Filannoo garaa garaatti fayyadam dhugaa bahuuf si gargaara yoo ta‟e YAADOLEE XIYYEEFFANNOON NAMNI KAMIYYUU BEEKKUU QABU 1. Akka Isilaamaatti dhiifamni Cubbuu hin jiru. 2. Amantii Kiristaanaa keessatti garuu abbaa dhiifamaati Waaqayyo. 3. Jaalalli Waaqayyoo yeroo tokko caqasamee argina Quraana keessatti. Macaafa Qulqulluu keessatti garuu yeroo baay’ee dha. 4. Akka Islaamaatti Waaqayyo kan seera kennuu, dhalli namaas hordofuu qaba. Akka kiristaanaatti garuu Waaqayyo seera qaba garuu, abbaa araaraati (Luq.15:11-32) 5. Akka Quraannaatti Waaqayyo wantoota kan uume guyyaa 6 keessatti. Namas suphee irraa uume 6. Sadan tokkummaa Waaqayyoo haala dogongoraan hubatameera Musiliima biratti. ILAALCHE ISILAAMAA YESUUS KIRISTOOS IRRATTI. A. Yeroo dhalachuu isaa irratti hubannoo isaan qaban Musiliimoonni kabajaa guddaa Maariyaamiif kennu. B. Boqonnaan tokko Quraana keessaa maqaa isheen moggaafameera (surah Maryam (19). Akkasumas nama Allahaan fo’atamte godhanii fudhatu. Akka Quraanni jedhutti Maariyaam uummata keessaa fo’amteeti dhalachuu Yesuus Maariyaam durbattii Musiliimoonni in amanu (surah Maryami 20-21, surah Al-Anbiya 91 surah Al- Tahrim 12, surah Maryam 34-35, surah Al –Tawbah: 30, fi surah Al- Ikhlas.) Akka barsiisa Islaamaatti Yesuus gadameessa Maariyaam keessatti uumame. Kunis Ajaja Allahaan malee abbaa hin qabu. (surah Al – “Imran: 47). Quraanni waa’ee Yoosef waan jedhu hin qabu. Egaan uumama Addaamii fi dhalachuu Yesuus wal bira qabu. Lamaanuu Abbaa foonii hin qaban jedhu. (surah Al. Imran 59). ILAALCHA ISILAAMAA TAJAAJILA YESUUS IRRATTI Akka ilaalcha warra Musiliimotaatti Yesuus akkuma ergamaa Mohaammed barsiisa gaarii ture (surah Imran 84. Surah Al-shura 13. Surah Al Hadid 26-27). Allahaan seerota Musee isa barsiise, akkasumas wangeela mul’ataan kenneef. Kunis seera Musee kan cimsuuf ture (surah Al- Imran 48, surah Al- ma’idah 46, surah Al- Imran 50). Barsiisi isaas yeroo mucummaa kaasee hanga bilchinaatti akka itti fufe dha kan amanan. (surah Maryam 24-25, 29-33). Kana malees “Gospel of the Infacy” kan jedhu afaan Arabaan jaarraa 7ffaa keessa barreeffamee ture dhimma kanaa irratti. Akka Quraanni barsiisutti Yesuus ilmaan Israa’eliif Allaa dhaan ergame (surah AlImran 49). Karaa isaa wantoota qindeesseefii akka Waaqayyoof sagadan godhe. Akka barsiisa Isilaamaatti Yesuus warra jaamaaf ija kenneera, naafa dirirseera, du’aa kaaseera (surah Al imar 49: surah Al-Ma’idah: 110). Akkasumas namoota hedduu nyaachiseera (surah Al-maid: 112-115). Haa ta’u malee musiliimonni dinqiiwwan kanneen humna waaqummaa isaan hojjete jedhanii hin amana ni. Fedhii Allaatiin hojjete jedhu. Waanumitti amantii Isilaamaa fi kiristaanaa walitti buusuu tokko kana. Kaan immoo warri Musiliimaa Yesuus dhufa ergamaa Mohaammed raajee ture jedhu (surah Al- saff 6) WAA’EE DU’A YESUUS IRRATTI Quraana keessaa dhimma kanaaf kan caqasan kutaa beekamaan al Nisa 1:57. Akka al –Nisa 153-159tti. Yihuudonni Isa (Yesuus) hin ajjeefne. Allahaan harka isaanii jalaa isa miliqseera jedhu. Nama biraatu humna Waaqayyoon (Allahan) bakka yesuus buufamee du’e jedhu. Innis immoo Yihuudha. Kanaaf Musiliimonni baay’een Yesuus hin fannifamne jedhanii amanu. Karaa biraatiin ammo beektonni amantii Isilaamaa kutaa kana Sirriitti yemmuu hiikan (Nisa 157) gara fuul duraatti kan ta’uuf jiru dha jedhu (Maryam 33). Beektonni Amantii Musiliimaa tokko tokko ammoo kutaa Quraanaa waa’ee Yesuus dubbatu haala biraan hiiku. Fakkeenyaaf (Surah al – Nisa 157). Kutaan Surah Maryam 33 ammoo du’a Yesuus gara fuulduraatti kaa’a Jechi Arabaa “tawaffaa” jedhu yemmuu hiikamuu si fudhachuu”, “akka duutu gochuu”,” akkan du’u gochuu” kanneen jedhan ta’a. (Al- Imran 33, sura al –Maidah 117) Musiliimoonni duuti Yesuus fayyina namootaaf yaada jedhu hin amanan. Sababni isaas Quraanni waan akkas jedhuuf. “Eenyu illee ba’aa nama biraa baachuu hin danda’u” (Surah al –Ana 164, surah A-Bani Isra’i 15) DEEBII’EE DHUFUU GOOFTAA YESUUS IRRATTI. Akka barsiisa Hadiisa, Muhammed samii sadaffaa keessatti Yesuusiin argeera, yeroo gara samiitti adeemsa godhe. Dhufa Yesuus isa lammaffaa Quraana surah al Zukhruf 61: akka ibsutti Musiliimoonni waan lafa kaa’atan qabu. ❖ Yesuus akka abbaa murtiitti dhufa ❖ Yeroo dhufutti mormituu isaa (anti-christ) kana in ajjeessa, gara waaqayyootti kadhannaa dhi’eesuun Gog fi magog isa akka gargaaran ta’u (Mul.20:79). Maqaa fi aboo Yesuus Quraana keessatti. Isaa: - maqaa Yesuusiif Quraana keessatti kannamedha. Yeroo 25 caqasameera. Jecha Warra kiristaanaa jecha Yesuus jedhu irraa fidan. Ibn Maryam: - (Mucaa maariyaam): toora dhaloota isaa kan ibsu yeroo 23 Quraana keessatti barreeffamee argama. Al-Masih: - (the Messi’ah) Jecha Ibrootaa Masiihii jedhu kan Girikii “kiristoos” jedhu irraa kan dhufe dha. Kun kabajaa Yesuus kan agarsiisu yeroo 11 kan barreeffamee jiru dha. Quraana keessatti.