Uploaded by jossyadugna39

xalaya

advertisement
Lakk. W/T/A/A/C
Guyyaa 30/05/2015
Waldaa Biraane Kiristoos Geedootiif
Geedoo
Dhimmi isaa:- Xalayaa Lakk W/T/A/A/C/54/2015 Guyyaa 14/04/2015 isiniif barreessine kan
ilaallatu ta’a
Akkuma xalayaa keenyarratti ibsame waa’ee dhimma obbo Addis-alem Tasfaayeee fi amantoota
isa waliin jiran maqaa Waldaa keessaniin Lakk.2ffaa karaa seera ittiin bulmaata waldaa
tokkummaa faallessuun hundeeffame waldaan keessan ibsa akka nuuf barreessitan isin
gaafanuyyuu hanga ammaatti deebii hin arganne.
Karaa Bakka bu’aa waldaa keessanii B/saa Yaaddeessaa Damee ibsa afaanii kennuurraa kan
darbe deebiii ga’aa argachuu waan hin dandeenyeef xalayaa gaafa Guyyaa 21/04/2015 waldaa
keessaniitiif barreessine.
Haaluma kanaan ji’oota jahaatiif ejjennoo ykn murtoo isin qabdan beekuun waa hin
danda’amneef waldoota tokkummaa jala jiran keessaa rakkoo fi mormiin gara garaa nurratti
ka’aa jira.
Kanaafuu, karaa kessan kana hubachuudhaan deebiifi ejjennoo waldaa keessanii haga
Guraandhala 07/06/2015 tti akka nu beeksiftan , jechaa nutis murtoo waldaa tokkummaa qaama
dhimmi isaa ilaallatuuf akka beeksifnuuf xalayaa kana isiniif barreessuu keenya jaalala
waaqayyoon isin beeksifna.
Nagaa wajjin!
Download