Uploaded by Tamirat Nabara

BARSISAA ERGAA WARAA ROOMAA[1]

advertisement
WALDAA GUUTUU WANGELAA SAGUREE LAKK 1
Barsisaa
ERGA PHAWULOOS GARA WARRA ROOMAA
Qophessaan: - Bar/Zarihun Guutaa
Hagayaa, 2013
SEENSA
Barreessaan ergamaa Phaawuloos dha. Ergamaa Kan inni ta’e Kiristoosiin ture HoE 9:3-9, 22:611, 26:12-18. Phaawuloos adeemsa wangeelaa sadi taasisee ture. Adeemsota kanneeniinis
Efesoon, Filiphiisiyuus, Teselonqee fi Qorontoos ga’uudhaan waldaa dhaabee ture. Akkasumas
waldoota ofiif hin dhaabin kanneen akka waldaa biyya Roomaatii fi Qolosaayisiif xalayaa ergee
ture. Akkasumas Ximootewoos, Tiitoo fi Filemoonaadhaaf xaalayaa dhuunfaa barreesseera.
Xaalayoonni kunniin baay’inaan osoo wangeelonni afran hin barraa’in dura ergaman. Ergaan gara
warra Roomaa kunis Kan barraa’e Bara 57 DK.K.B ture. Bakki inni taa’ee barreesses magaalaa
Giriik Kan taate Qorontoos keessa taa’eeti. Yeroo sanatti biyyoonni nannawa galaana
Meediteraaniyaanii jiran bittaa Roomaa jala turan. Magaalaan Roomaa magaalaa guddoo
Xaaliyaan Kan yeroo sanaatii fi yeroo ammaati. Kaayyoon ergaa kanaas kakuu haaraa keessatti
ergaa wangeela Kiristoos isaan biraan ga’uuf ture.
Dhimaa fayinaa irratti kan xiyyeffattudha (HOE16:15) irratti gaafi tokko nama gafaattu arginaa
-
Fayuu mal gochuun qabaa?

Gooftaa yesustti amaanu

Attis maatiin kessi hin fayuu jedhaa
-
Namooni bayyee ergaa tokko fayinee homtuu nun baarbachisuu jechuu jechuun akkaa
fedhaa isaanitti jiraachu baarbaduu.
-
Faayinii seraan uttuu hin tanee kiristos tti amanuun duwaan argamaa,yoh 14;16,4;2124,HOE 4;12,YOH 3;16,HOE 16;31
-
Phawulos ifatti roome kessatti karaan faayina enyuun akkaa taa’e ibseerra
 Phawulos ergaama taa’u isaa karaa 3 ttin ibseraa
1. Hojetaa yesus kiristos jechuun
- Afaan waraa girikiittin garbaa tti fakkessun dubaatte
- Dhiigaa kiristos jalatti of bichisisuu isaattin ,1 qorn 6;20
2.phawolos ergaamaa taa’u isaa ibseera
3.wangelaaf addaa kan bahee taa’u isa.
-phawuloos ergichaa waraa rooma kessa jiraatanif caafe,karaa lamaan ibsaa
1.waqqayyoon kan jaalataman akkaa taa’an ibsaa,rom 8;31-39
2.amaantotni akkaa wamaaman ibsaa
- qulqullotaa akkaa taa’anif waamaman
Ergaa kana yeroo fi iddoo itti caafe

Namonii heduun kan dubataa demsaa wangelaa saddaffa ttin bodaa yeroo girikii ji’a 3 turee
bareesee jedhuu(hoe 20;2-3)

Maqeedoniyaa dhaquuf amaantota jajjabessaa turee

Kutaa Sanaa keesaa darbee girikitti darbuu isaa

Ji’aa sadii ergaa achii taa’e soriyaa yeroo dhaquuf jedhuutti irratti mari’achuu isaani

Maqedoniyaatti debi’uuf murtoo godhaachuu isaa

Feeben kan jedhaamtuu xalayaa futte waldaa roomaa biraan akka gesse.
 Phawuloos 1qor fi 2 qorn ergaa caafe boode

Nannoo bara 60 tti caafe

Iyerusalem gara roomaatti

Roomaadha gara spaniyaatti demee

Haali mijaata akkaa hin turee.rom 15;20
Kayyoon ergaa roomaa
Ergaa kanaa bareessuf phaawulos waanti isa kakaasse ni jirataa
1. Karaan fayinaa kiristos yesus taa’u isaa ibsuuf
2. Akkaa yeroo ini wangelaa labsuu akkaa degaaranif waari rooma
3. Warii ormotaa taa’an yesus kiristos tti amaanun akkaa fayaan
4. Phaawulos yenaa wangelaa labsaa turee waari iyudotaa ittin mormuu isaani
5. Iyiwudonis taa’e ormooni yoo cubuu hojaatan akkaa itti faaradammu beksisuuf fi barsisuuf
Ibsaa adda ergaa kanaa kessatti argaaman
1. Qolosiyas maale ergaan phaawulos bayyeen isaani taajajilaa waldaa tokko irratti
xiyeefatan,ergaa roomaa garuu kan waali gala irratti xiyyefata
Fkn ,karaan fayina kiristos duwaa akkaa taa’e
2. ergaa phaawulos hundaa irra ergaa bal’aa taa’edha,ergaa qindaa’ina guudaa qabuu ergaa
dhunfaa fi ergaa samii irraa kan of kessaa qabuudha.
3. ergaa kanna kessatti heduminaan luqisiin kakuu moofa keesaatti argaama
QABIYYEE ERGAA KANAA:
A. Seensa (1:1-17)
a) Nagaa gaafachuu (1:1-7)
b) Kadhata Galataa (1:8-15)
c) Human Wangeelaa (1:16-17)
B. Qajeelfamoota Wangeelaa (1:18-5:21)
a) Qajeelummaa warra hin amannee (1:18-32)
b) Qajeelummaa Yihudootaa (2:1-3:20
c) Qajeelummaa Waaqayyoo (3:21-31)
d) Qajeelummaa Abrihaam (4:1-25)
e) Qajeelummaa amantootaa (5:1-21)
C. Rakkoolee naamusaa sababii wangeelaatiif ka’an (6:1-23)
a) Fedhii fooniitiin hin qajeelfaminaa (6:1-14)
b) Seera malee hin jiraatinaa (6:15-23)
D. Kiristiyaanummaa fi seera (7:1-8:39)
a) Faayidaan seeraa jireenya asii qofaaf (7:1-6)
b) Seeraa fi cubbuu (7:7-25)
c) Seera cubbuutii fi du’aa jalaa Hafuuraan bilisa ba’uu (8:1-39)
E. Rakkoo fedhii fi mirgi yihudootaa fide (9:1-11:36)
a) Guutummaa angoo Waaqayyoo (9:1-29)
b) Itti gaafatamummaa Yihudoonni seera keessatti qaban (9:30-10:21)
c) Kaayyoo Waaqayyoo isa araaraan guutame (11:1-36)
F. Kiristiyaanummaa gochaan (12:1-15:13)
a) Amaloota dhuunfaa (12:1-21)
b) Amaloota siyaasaa (13:1-7)
c) Amaloota dhuunfaa dabalataan (13:8-14)
d) Jajjabootaa fi dadhaboota (14:1-15:13)
G. Gudunfaa (15:14-16:27)
a) Saba ergaan Kun barraa’eef (15:14-21)
b) Karooraawwan adeemsa gara fuulduraa (15:22-23
BOQONNAA 1
1:1-7: Nagaa Gaafachuu: ergamaa jechuun angoo tajaajilaa Kan kakuu haaraa warroota wangeela
lallabanii fi waldaa dhaabaniif kennamu yoo ta’u, angoo kanas Kiristoosirraa akka fudhate
dubbata. Kunis ergamoota 12 keessa waan hin jirreef fudhata akka argatuuf ture. Sabani isaas
yeroo sanatti angoon Nama tajaajiluu tokko fudhata isaatiif iddoo ol aanaa waan qabuuf. Sababni
inni ergamaa ta’eefis warren yihudoota hin ta’in gara Waaqayyootti fiduuf akka ta’es ni dubbata.
Kana erga ibseen booda nagaa isaa isaaniif dhiheessa. Kanas “…warra Waaqayyo jaallatee isaaf
akka qulqullooftaniif isin waame” jedhee isaan ibsa. Kunis ibsa Kiristiyaanotaa isa sirriidha.
 1:8-15: Hawwii Phaawuloos Roomaa Ilaaluuf Qabu: namoonni baay’ee biyya gara garaarraa
yeroo baay’ee gara roomaatti waan deemaniif “… amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti
waan beekameef” jechuun isaa sirrii ture. Ari’atama isaan irra ga’e hundumaas cimanii
dhaabbachuu isaaniitiif Waaqayyoon ni galateeffata. Akkuma warri Roomaa Phaawuloos biratti
gatii guddaa qabanii fi isaanii Waaqayyoo galateeffatu, nuutis obboloota keenya hafuuraatiif iddoo
guddaa qabaachuu fi isaaniif kadhachuutu nurraa eeggama. “Gatiitu narra jira “akkuma inni jedhe,
nurras bifaan, sanyiidhaan, teessuma lafaatiin, afaaniin utuu adda hin basin wangeelaan ga’uun
nurra jiraata. Garaagarummaa tokko malee wangeelli dhala namaa hundaaf barbaachisa Gal 3:28.
 1:16-17: Humna Wangeelaa: wangeelli Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Macaafni
Qulqulluun sagalee dhugaati. Dhugaa fi humnas of keessaa qaba.kanaaaf wangeela dhaga’uun
jireenya fida. Wangeelichis hojiin dinqisiisaan karaa ilmasaatiin mul’ateera jedha. Phaawuloosii
fi namoonni Roomaa keessa jiranille itti hin qaana’an turan. Nuuti hoo?
 1:18-32: Yakka Sanyii Namaa: qajeelummaan Waaqayyoo karaa wangeela Kiristoos mul’ateera.
Cubbuun jalqabaatii fi inni guddaan Waaqayyoo malee jiraachuu yoo ta’u kunis Waaqayyootti
amanuu diduudha. Akkuma 1Qor 1:18-21 irratti “waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra
karaa badiisaa jiraniif gowwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni human
Waaqayyooti” jedhutti, warra Waaqayyoo hin qabne kajeellaa garaa isaaniittis dabarsee akka
kenne dubbata. Kutaa kana keessatti si’a sadi (24, 26 fi 28 irratti) dubbata. Lakkofsa 26-27 irrattis
jireenya sodoomaawummaatti dabarfamanii kennamuu isaanii dubbata.
BOQONNAA 2
 2:1-16: Waaqayyoo Namoota Hundumaaf Firdii Kennuu Isaa: kutaa kana irratti namatti akka
hin faranneef, nama hundaaf of eeggannoo kenna. Keessumattuu yihudoota saba isatiif, kunis ofii
isaanii warra kaan caalaa qulqulloota akka ta’anitti waan of laakka’aniif, akkasumas namoota kaan
ofii gaditti waan ilaalaniif. Firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan garuu namoota akkasii kanarratti ni
dhufa.
 2:17-29: Seera Qabaachuu Duwwaan Kan Hin Geenye Ta’uusaa: seeraan namnin Waaqayyootti
dhi’aachuu akka hin danda’in gaaffilee garaa garaatiin isaan hubachiisuuf yaala.
BOQONNAA 3
 3:1-8: Qajeelina Waaqayyoo Fi Ja’ina Namootaa: Asirratti Phaawuloos gama yihudootaa ta’ee
dubbata. Asittis gaafillee gara garaa kaasa. Faayidaan yihudii ta’uus “sagaleen abdii Yihudootatti
kennamuu isaati” jedha. Kanas kan godheef yaada Phaawuloos dubbachaa tureen akka of hin
tuffanneef ture. Amanamuu dhabuun yihudoota qajeelummaa Waaqayyoo mul’ise erga ta’ee,
amanachuun isaaniis caalaatti akka mul’isu dubbata. Namoonni tokkoo tokko garuu cubbuu
baay’ee yoo hojjanne araarri Waaqayyoos ni baay’ata jechaa, yaada barsiisa Phaawuloos irraa hin
ta’in odeessaa turan. Kunis soba ta’uusaa isaaniif ibsa.
 3:9-20: Namni Qajeelaan Tokko Ille Hin Jiru: kanas yihudootaa fi warra yihudoota hin taane
gidduu garaagarummaan akka hin jirre argisiisuuf dubbate. Kana qofas osoo hin taane nuu fi
saboota saboota olla keenyaa gidduu garaa garummaan akka hin jirree fi dhala namaa hundumaaf
ilaalcha gaarii akka qabaannu, jaalalaan nu barsiisa.
 3:21-31: Akka Itti Waaqayyo Qajeelaa Nama Godhu: kunis seeraan osoo hin taane amantiidhaan
argama. Qajeelummaa jechuunis Waaqayyoo biratti fudhatama argachuu yookiin mootummaa
Waaqayyootti galuudhaaf ulaagaa barbaachisu guutuu jechuu dha.
BOQONNAA 4
 4:1-12: Abrihaam Amantiidhaan Qajeelaa Ta’uu Isaa: “ Abrihaam Waaqayyoon amanate, kunis
qajeelummaatti laakka’ameef” jedha. Kunis haala laaluudhaan, of laaluudhaanis osoo hin taane
Waaqayyo isa hunduma danda’utti amanachuu isaatiin argame.
 4:13-25: Abdiin Waaqayyoo Karaa Amantii Raawwatamuu Isaa: abdii Abrihaamiif kenname
addunyaa hundaaf kan inni ta’u seera eeguudhaan osoo hin taane amantiidhaan ta’a. kanaanis
abdiin Waaqayyo Abrihaamiif gale ni raawwatama.
BOQONNAA 5
 5:1-5: Waaqayyo Duratti Qajeelaa Ta’uu: amantiidhaan qajeelota ta’uu keenyaan Waaqayyoo
wajjiin nagaa qabna. Kunis isa wajjiin araaramuu keenyaan dhufa. Akkasumas gammachuu qabna.
Amantiidhaanis dhaaltota isaa taaneerra. “Nuyi amma illee of dadhaboo taanee jirruu yeroon
yaadame yommuu ga’etti Kiristoos warra akkuma keenya Waaqayyoo irraa fagaatan hundumaaf
du’e. Tarii namni nama waan gaarii godhe tokkoof du’uuf fedha qaba ta’a malee…” Dadhaboota
jechuun isaa, diduudhaafis seerichaaf bitamuudhaafis human kan hin qabne jechuudha. Kanaaf
yeroo Waaqayyo diina kee jaaladhu jedhu dinqisiifachuun nurra hin jiraatu.
 5:12-21: Duuni Addaamiin Jireeny Immoo Kiristoosiin Dhufuu Isaa: Duuni gara ilmaan namaa
hundumaa dhufee ture. Muusee fi Abrihaam gidduu waaggaa 400 tu jira. Seerri garuu muuseef
kenname. Seerri cubbuun maal akak ta’e namatti hima. Seera irraan darbuun cubbuudha.
Namnoota seera qaban seeratu itti farada. Seera dura kanneen jiran seera Waaqayyo laphee
isaaniirra kaa’e dhaga’uu yoo baatan du’atu isaaniif qophaa’eera. Kunis ilma namaa kan ta’e hundi
karaa Addaam waan du’uuf. Nuuf garuu jireenyi argameera innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin
mul’ate.
BOQONNAA 6
 6:1-14: Cubbuu Jalaa Du’anii Kiristoos Jala Jiraachuu: Nuuti cubbuudhaaf duuneerra. Jireenya
keenya isa kana booda jiru Kiristoosiif malee cubbuudhaaf hin jiraannu.
 6:15-23: Garbummaa Cubbuu Jalaa Ba’anii Hojjetaa Qajeelinaa Ta’uu: Namni cubbuu hojjetu
garbicha cubbuu ti. Namni Waaqayyoof ajajamu qajeelummaa waan godhuuf garbicha
qajeelummaa ti. Kunis guutumatti angoo Waaqayyoo jala ta’uu jechuu dha. Bu’aan isaas:  Gara
qulqullumaatti nu qajeelcha: qulqullummaa malee Waaqayyoo arguun hin danda’amu.  Gara
jireenya barabaraatti nu geessa.
BOQONNAA 7
 7:1-6: Seeraa Fi Fakkeenya Gaa’elaa: Fakkeenyi isirratti kenname waggaa 1500 dura
yihudootaaf karaa Muusee kennamee ture. Namoonni barreesseef kunis baay’een isaanii yihudoota
turan. Sababnis “ isin warra seera hubattanitti nan dubbadha” yeroo jedhu yihudoota ta’uu
argisiisa. Seera akka abbaa manaatti, yihudootas akka haadha manaatti fudhatee isaan barsiisa.
Hanga abbaan manaa sun jirutti haati manaa isatti hidhamtee akka inni jiru, erga inni du’ee booda
hiikamtee akka jirtu isaanis beeku. Kanaafis yihudoonni seera jalaa ba’anii gara ayyaana karaa
Kiristoos argamuuttu akka dhufuu qabanii fi kunis yakkaa akka hin taane dubbata.
 7:7-13: Hojii Seeraa: cubbuun maal akka ta’e kan beeksisu seera dha. Du’a kan fide garuu seera
osoo hin taane cubbuu dha. Seerri qulqulluu, qajeelaa fi gaarii akka ta’e dubbata.
 7:14-25: Wal’aansoo Nama Keessaa: falmii kun osoo hin amanin ta’ee erga amannes jiraachuu
danda’a. Garuu erga Kiristoositti amannee eenyummaa keenya isa moofaa waan fannisnuuf
garbicha cubbuu ta’uu hin dandeenyu. “ cubbuu isa na keessa jirutu na hijjachiisa…” kan inni
jedhu miira cubbuu keessa namaa jiru jechuudha. “ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na
geessu kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos…” furmaanni isaas
ibsamee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Fannoo Kiristoos jalatti baqannee fedhii isaa hamaa
sana fannisuu dha.
BOQONNAA 8
 8:1-17: Hafuura Waaqayyoon Gaggeeffamanii Jiraachuu: seerri yihudootaaf kenname firdii
qaba. Firdichis du’adha. Kana jalaas kan nu baasu “eegaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti
qabamanii jiraatanitti faradamu hin jiru” isa jedhuu dha. Qajeelummaan nuuf lakkaa’amus kan
keenya osoo hin taane kan Kiristoosii ti. Sababni isaas inni osoo cubbuu tokkolle hin qabaatin
fannoorratti du’uudhaan nuuf jedhee cubbamaa waan ta’eef.
 8:18-29: Ulfina Isa Mul’achuuf Jiru: namni akka Phaawuloosiitti rakkinni irra ga’e muraasa dha
2Qor 6:4-10, 11:23-28. Garuu garuu yeroo ulfina isa dhufuuf jiru saniin wal bira qabamu inni kun
homaa miti. Kanaaf nuutis ulfina sana of duratti ilaallee obsaa Waaqayyoo eeggachuu, tajaajiluu
fi isaaf abboomamuutu nurraa eegama. Uumamni hundinuu mul’achuu keenya eegaa jira. Nuuti
garuu abdii keenya sana bira ammayyuu hin geenye. Lafarra hamma jiruutti foon keenya kanaan
rakkina baay’ee argina. Kanaafis Waaqayyoo kannaa nuuf kenne qaba. Innis: i. Hafuura
Qulqulluu: akka nuuf kadhatuuf ii. Yesuus Kiristoos: akka nuuf kadhatuuf
 8:30-39: Waaqayyo Kiristoosiin Guddaa Nu Jaalachuu Isaa: Waaqayyo wajjiin jiraannaan
wanti nuun mormu hin jiru. Jireenya qajeellummaa keessatti jaalala, gammachuu, dhiifama,
fayyina, dhaala waaqarraa, kennaa hunda caalu Ilmasaatu nuuf kennama. Akkasumas ilmasaa
wajjiin kennaawwan xixiqqoo ta’nis itti nuuf dabalamu. Kanaaf nuutis jireenya keenya keessatti
wanta Waaqayyoodhaan olitti jaalannu qabaachuu hin qabnu. Kanas jireenya keenya keessa
ilaallee mirkaneeffachuu qabna. Kutaan kun kutaa namoonni ittiin jajjabaatanii dha.
BOQONNAA 9
 9:1-5: Waa’ee Saba Waaqayyoof Foo’amee: israa’eloonni saba Waaqayyoof foo’ame ta’us,
kennaa Waaqayyo karaa Kiristoos isaaniif kenne beekuu dhabuu isaaniitiin Phaawuloos gadda isaa
dubbata. Haata’uu malee waadaan Waaqayyoo waan hin diigamneef eebbi Abrihaam warra
Kiristoositti amanan hundumaaf karaa amantii ta’eera.
 9:19-29: Dheekamsaa Fi Araara Waaqayyoo: meeshaan suphee tokko nama isa dha’uun maaliif
akkas na goota akka hin jenne, inni kaan meeshaa ulfinaatiif, kaan meeshaa salphinaatiif hojjata.
Akkamille taanaan Waaqayyo hojii isaatiin hin komatamu Waaqayyo yeroo hunda sirriidha.
BOQONNAA 10
 10:1-4: Yihudoonni Karaa Malee Qajeelummaa Barbaaduu Isaanii: Kiristoos xumura seeraati.
Kanaafis erga Kiristoos dhufe booda gara Waaqayyootti dhi’aachuudhaaf seera hordofuun bara
kakuu haaraatti sirrii miti. Inni karaa sirrii gara Waaqayyootti geessuu dha Yoh 14:6.
 10:5-21: Fayyini Nama Hundumaaf Ta’uu Isaa: Kiristoos karaa fayyina keenyaa ti. Isa
barbaaduudhaafis namoonni akka ol hin bane inni gad bu’eera. Gara si’ooliittis akka hin buuneef
inni du’aa ka’eera. Kanaaf fayyina argachuudhaaf “Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yo
beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaase garaa keetti yo amante fayyina barabaraa in argatta”.
BOQONNAA 11
 11:1-12: Araara Waaqayyoo Saba Israa’el Irratti: Fakkeenya yeroo Eliyaas turee
fudhachuudhaan harra Israa’eloota keessaa namoonni amanan akka jiranii fi abdiin akka jiru
dubbata.  11:13-24: Fayyina Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta’inii: Yihudoonnis abdii fayyinaa
akka qabanii fi warri yihudoota hin taanes akka ol of hin qabne dubbata.
 11:25-36: Araarri Waaqayyoo Hundumaaf Ta’uu Isaa: Fayyini Waaqayyoo nama hundumaaf
akka inni ta’e dubbata. Israa’eloonnis abdii akka qaban macaafa raajicha Isaayaas irraa dubbata.
Isa 59:20.
BOQONNAA 12
 12:1-8: Waaqayyoodhaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: hojii kiristiyaanotaa keessaa inni guddaan
namummaa ofii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhi’eessuu dha. Namummaan keenya kuni isa
moofaa osoo hin taane isa haaraa ta’uu qaba. Hamma amantii Waaqayyo nuuf kenneettis jiraannee,
kennaalee hafuura adda adda kanneen nuuf kennamaniin Waaqayyo tajaajiluu qabna.
 12:9-21: Namootaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: kunis kanneen armaan gadii ta’uu danda’a:
 Jaalala qabaachuu
 Waan dhimma baasuuf dhibaa’uu dhabuu
 Waan hamaa jibbanii waan gaarii faana bu’uu
 Wal gargaaruu Keessummaa wal fudhachuu
 Warra gammadan waliin gammaduu
 Warra gaddan walii gadduu
 Warra jireenya gad bu’aa keessa jiran waliin ta’uudhaaf eeyyamuu
 Hamaa gaariidhaan deebisuu
 Haloo ba’uu dhabuu
BOQONNAA 13
 13:1-7: Waan Warra Aboo Qabaniif Gochuun Ta’u: Angoon hundi Waaqayyoo biraa waan
dhufuuf warra isin irratti aboo qabaniif abboomamaa. Fak 8:15-16, Yoh 19:10-11. Isaaniif
abboomamuu diduun Waaqayyoof abboomamuu diduu dha. Isaan warra Waaqayyo nama hamaa
hojjatan ittiin adabuudhaaf kaa’atee dha. Gaaffiin guddaan asitti ka’u, “ yoo isaan waan hamaa
Waaqayyoof hin taane hojjatan ta’e hoo?” kan jedhuu dha. Deebiin isaas abboomamuu hin qabnu
kan jedhuu dha. Isaaniif osoo hin taane yaada Waaqayyootiif abboomamuu qabna. HoE 4:18-20,
HoE 5:29.
 13:8-10: Waan Waliif Gochuun Ta’u: jaalalli gudunfaa seeraa waan ta’ee jaalala yoo ta’e malee
gatii walirraa qabaachuu akka hin qabne dubbata. Kana jechuun walirraa hin liqeeffatinaa jechuu
miti. Nama liqeeffatuus liqeessaa waan jedhamneef liqeeffachuun cubbuu hin ta’u. Garuu yoo
liqeeffanne dafnee deebisuu qabna. Gatiin nurra jiraachuu qabu kan jaalalaa qofa ta’uu qaba. Nama
biro akkuma mataa keenya jaalannu jaalachuu qabna. Akkasumas guyyichi waan dhi’aateef
hirribaa dammaquu (Hirriiba Hafuuraa) akka qabnu dubbata. Gooftaan keenya akkuma hattuu,
halkaniin tasa dhufa. Guyyaa dhufatii isaan Abbaa malee kan beeku hin jiru
BOQONNAA 14
 14:1-12: Yaada Waliitti Dafanii Akka Hin Faranne: yeroo baay’ee namoonni amantiitti jajjaboo
ta’an kanneen dadhaboo ta’anitti dafanii faradu. Kun garuu Kiristoosiin baay’ee gaddisiisa. Sababi
kanaafis karaa walitti argisiisuu malee dadhabina hafuuraatiif nama kamittuu faraduu akka hin
qabnee fi Waaqayyo isaa jabeessuu akka danda’u beekuu qabna.
 14:13-23: Amantoota Karaa Waaqayyoo Irraa Akka Hin Gufachiifne: keessumattu seera
nyaataatiin gufuu walitti ta’uu akka hin qabne dubbata. Wanta gara keessaatti seenu osoo hin taane
keessa namaatii ba’utu nama xureessa. Sababni isaas keessi namaa yaada hamaadhaan gutamee
jira.
BOQONNAA 15
 15:1-6: Warra Kaan Gammachiisuus Of Gammachiisuu Dura Bu’uu Akka Qabu: namoonni
amantiitti ciccimoo ta’an warren dadhaboo ta’amn baachuu qabu malee ofii isaanii qofa
gammachiisuudhaaf jiraachuu hin qaban.
 15:7-13: Wangeelli Warra Yihudoota Hin Ta’iniifis Kennamuu Isaa: kun yihudoonni warra
yihudoota hin taane akka simataniif, garaa garummaa tokko malee waliin akka waaqeffata dubbata
15:14-21: Sababii Akkasitti Caafeef Mul’isuu Isaa: hafuurri qulqulluu isa wajjiin ta’ee hojii
guddaa warra yihudoota hin taane gidduutti waan hojjateef.
 15:22-33: Akeeka Roomaa Dhaquu Isaatii Mul’isuu Isaa: Yeroo gargaarsa fuudhee warra
Iyerusaalem jiraniif geessu achumaan isaan argee yaada isaatti akka boqotuuf ture.
BOQONNAA 16
 16:1-16: Amantoota Tokko Tokkoof Nagaa Erguu Isaa: warren beekuuf, hidhata tajaajilaa
warren waliif qabuuf, galata namoota qabuufii fi namoota hundumaaf dhiheessa.
 16:17-24: Gara Dhumaatti Gorsa Kennuu Isaa: namoota gargar ba’uu fidaanii fi daandii
keessanirra gufuu kaa’an irraa fagaadhaa, waan gaarii gochuuf ogeessota ta’aa jedhee isaan gorsa.
Xaalayaa kana Kan barreesseef Nama Xerxiwos jedhamu ture. Innis nagaa isaaf dhaama.
 16:25-27: Waaqayyoon Galateeffachuun Dubbii Isaa Dhaabuu Isaa: Dhoksaa Waaqayyo karaa
Yesuus Kiristoos ifatti ba’uu isaatiif Waaqayyoo galateeffatee xumura
----------xumuraa-----------
Download