WALDAA GUUTUU WANGELAA SAGUREE LAKK 1 Barsisaa ERGA PHAWULOOS GARA WARRA ROOMAA Qophessaan: - Bar/Zarihun Guutaa Hagayaa, 2013 SEENSA Barreessaan ergamaa Phaawuloos dha. Ergamaa Kan inni ta’e Kiristoosiin ture HoE 9:3-9, 22:611, 26:12-18. Phaawuloos adeemsa wangeelaa sadi taasisee ture. Adeemsota kanneeniinis Efesoon, Filiphiisiyuus, Teselonqee fi Qorontoos ga’uudhaan waldaa dhaabee ture. Akkasumas waldoota ofiif hin dhaabin kanneen akka waldaa biyya Roomaatii fi Qolosaayisiif xalayaa ergee ture. Akkasumas Ximootewoos, Tiitoo fi Filemoonaadhaaf xaalayaa dhuunfaa barreesseera. Xaalayoonni kunniin baay’inaan osoo wangeelonni afran hin barraa’in dura ergaman. Ergaan gara warra Roomaa kunis Kan barraa’e Bara 57 DK.K.B ture. Bakki inni taa’ee barreesses magaalaa Giriik Kan taate Qorontoos keessa taa’eeti. Yeroo sanatti biyyoonni nannawa galaana Meediteraaniyaanii jiran bittaa Roomaa jala turan. Magaalaan Roomaa magaalaa guddoo Xaaliyaan Kan yeroo sanaatii fi yeroo ammaati. Kaayyoon ergaa kanaas kakuu haaraa keessatti ergaa wangeela Kiristoos isaan biraan ga’uuf ture. Dhimaa fayinaa irratti kan xiyyeffattudha (HOE16:15) irratti gaafi tokko nama gafaattu arginaa - Fayuu mal gochuun qabaa? Gooftaa yesustti amaanu Attis maatiin kessi hin fayuu jedhaa - Namooni bayyee ergaa tokko fayinee homtuu nun baarbachisuu jechuu jechuun akkaa fedhaa isaanitti jiraachu baarbaduu. - Faayinii seraan uttuu hin tanee kiristos tti amanuun duwaan argamaa,yoh 14;16,4;2124,HOE 4;12,YOH 3;16,HOE 16;31 - Phawulos ifatti roome kessatti karaan faayina enyuun akkaa taa’e ibseerra Phawulos ergaama taa’u isaa karaa 3 ttin ibseraa 1. Hojetaa yesus kiristos jechuun - Afaan waraa girikiittin garbaa tti fakkessun dubaatte - Dhiigaa kiristos jalatti of bichisisuu isaattin ,1 qorn 6;20 2.phawolos ergaamaa taa’u isaa ibseera 3.wangelaaf addaa kan bahee taa’u isa. -phawuloos ergichaa waraa rooma kessa jiraatanif caafe,karaa lamaan ibsaa 1.waqqayyoon kan jaalataman akkaa taa’an ibsaa,rom 8;31-39 2.amaantotni akkaa wamaaman ibsaa - qulqullotaa akkaa taa’anif waamaman Ergaa kana yeroo fi iddoo itti caafe Namonii heduun kan dubataa demsaa wangelaa saddaffa ttin bodaa yeroo girikii ji’a 3 turee bareesee jedhuu(hoe 20;2-3) Maqeedoniyaa dhaquuf amaantota jajjabessaa turee Kutaa Sanaa keesaa darbee girikitti darbuu isaa Ji’aa sadii ergaa achii taa’e soriyaa yeroo dhaquuf jedhuutti irratti mari’achuu isaani Maqedoniyaatti debi’uuf murtoo godhaachuu isaa Feeben kan jedhaamtuu xalayaa futte waldaa roomaa biraan akka gesse. Phawuloos 1qor fi 2 qorn ergaa caafe boode Nannoo bara 60 tti caafe Iyerusalem gara roomaatti Roomaadha gara spaniyaatti demee Haali mijaata akkaa hin turee.rom 15;20 Kayyoon ergaa roomaa Ergaa kanaa bareessuf phaawulos waanti isa kakaasse ni jirataa 1. Karaan fayinaa kiristos yesus taa’u isaa ibsuuf 2. Akkaa yeroo ini wangelaa labsuu akkaa degaaranif waari rooma 3. Warii ormotaa taa’an yesus kiristos tti amaanun akkaa fayaan 4. Phaawulos yenaa wangelaa labsaa turee waari iyudotaa ittin mormuu isaani 5. Iyiwudonis taa’e ormooni yoo cubuu hojaatan akkaa itti faaradammu beksisuuf fi barsisuuf Ibsaa adda ergaa kanaa kessatti argaaman 1. Qolosiyas maale ergaan phaawulos bayyeen isaani taajajilaa waldaa tokko irratti xiyeefatan,ergaa roomaa garuu kan waali gala irratti xiyyefata Fkn ,karaan fayina kiristos duwaa akkaa taa’e 2. ergaa phaawulos hundaa irra ergaa bal’aa taa’edha,ergaa qindaa’ina guudaa qabuu ergaa dhunfaa fi ergaa samii irraa kan of kessaa qabuudha. 3. ergaa kanna kessatti heduminaan luqisiin kakuu moofa keesaatti argaama QABIYYEE ERGAA KANAA: A. Seensa (1:1-17) a) Nagaa gaafachuu (1:1-7) b) Kadhata Galataa (1:8-15) c) Human Wangeelaa (1:16-17) B. Qajeelfamoota Wangeelaa (1:18-5:21) a) Qajeelummaa warra hin amannee (1:18-32) b) Qajeelummaa Yihudootaa (2:1-3:20 c) Qajeelummaa Waaqayyoo (3:21-31) d) Qajeelummaa Abrihaam (4:1-25) e) Qajeelummaa amantootaa (5:1-21) C. Rakkoolee naamusaa sababii wangeelaatiif ka’an (6:1-23) a) Fedhii fooniitiin hin qajeelfaminaa (6:1-14) b) Seera malee hin jiraatinaa (6:15-23) D. Kiristiyaanummaa fi seera (7:1-8:39) a) Faayidaan seeraa jireenya asii qofaaf (7:1-6) b) Seeraa fi cubbuu (7:7-25) c) Seera cubbuutii fi du’aa jalaa Hafuuraan bilisa ba’uu (8:1-39) E. Rakkoo fedhii fi mirgi yihudootaa fide (9:1-11:36) a) Guutummaa angoo Waaqayyoo (9:1-29) b) Itti gaafatamummaa Yihudoonni seera keessatti qaban (9:30-10:21) c) Kaayyoo Waaqayyoo isa araaraan guutame (11:1-36) F. Kiristiyaanummaa gochaan (12:1-15:13) a) Amaloota dhuunfaa (12:1-21) b) Amaloota siyaasaa (13:1-7) c) Amaloota dhuunfaa dabalataan (13:8-14) d) Jajjabootaa fi dadhaboota (14:1-15:13) G. Gudunfaa (15:14-16:27) a) Saba ergaan Kun barraa’eef (15:14-21) b) Karooraawwan adeemsa gara fuulduraa (15:22-23 BOQONNAA 1 1:1-7: Nagaa Gaafachuu: ergamaa jechuun angoo tajaajilaa Kan kakuu haaraa warroota wangeela lallabanii fi waldaa dhaabaniif kennamu yoo ta’u, angoo kanas Kiristoosirraa akka fudhate dubbata. Kunis ergamoota 12 keessa waan hin jirreef fudhata akka argatuuf ture. Sabani isaas yeroo sanatti angoon Nama tajaajiluu tokko fudhata isaatiif iddoo ol aanaa waan qabuuf. Sababni inni ergamaa ta’eefis warren yihudoota hin ta’in gara Waaqayyootti fiduuf akka ta’es ni dubbata. Kana erga ibseen booda nagaa isaa isaaniif dhiheessa. Kanas “…warra Waaqayyo jaallatee isaaf akka qulqullooftaniif isin waame” jedhee isaan ibsa. Kunis ibsa Kiristiyaanotaa isa sirriidha. 1:8-15: Hawwii Phaawuloos Roomaa Ilaaluuf Qabu: namoonni baay’ee biyya gara garaarraa yeroo baay’ee gara roomaatti waan deemaniif “… amantiin keessan guutummaa biyya lafaatti waan beekameef” jechuun isaa sirrii ture. Ari’atama isaan irra ga’e hundumaas cimanii dhaabbachuu isaaniitiif Waaqayyoon ni galateeffata. Akkuma warri Roomaa Phaawuloos biratti gatii guddaa qabanii fi isaanii Waaqayyoo galateeffatu, nuutis obboloota keenya hafuuraatiif iddoo guddaa qabaachuu fi isaaniif kadhachuutu nurraa eeggama. “Gatiitu narra jira “akkuma inni jedhe, nurras bifaan, sanyiidhaan, teessuma lafaatiin, afaaniin utuu adda hin basin wangeelaan ga’uun nurra jiraata. Garaagarummaa tokko malee wangeelli dhala namaa hundaaf barbaachisa Gal 3:28. 1:16-17: Humna Wangeelaa: wangeelli Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Macaafni Qulqulluun sagalee dhugaati. Dhugaa fi humnas of keessaa qaba.kanaaaf wangeela dhaga’uun jireenya fida. Wangeelichis hojiin dinqisiisaan karaa ilmasaatiin mul’ateera jedha. Phaawuloosii fi namoonni Roomaa keessa jiranille itti hin qaana’an turan. Nuuti hoo? 1:18-32: Yakka Sanyii Namaa: qajeelummaan Waaqayyoo karaa wangeela Kiristoos mul’ateera. Cubbuun jalqabaatii fi inni guddaan Waaqayyoo malee jiraachuu yoo ta’u kunis Waaqayyootti amanuu diduudha. Akkuma 1Qor 1:18-21 irratti “waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa jiraniif gowwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni human Waaqayyooti” jedhutti, warra Waaqayyoo hin qabne kajeellaa garaa isaaniittis dabarsee akka kenne dubbata. Kutaa kana keessatti si’a sadi (24, 26 fi 28 irratti) dubbata. Lakkofsa 26-27 irrattis jireenya sodoomaawummaatti dabarfamanii kennamuu isaanii dubbata. BOQONNAA 2 2:1-16: Waaqayyoo Namoota Hundumaaf Firdii Kennuu Isaa: kutaa kana irratti namatti akka hin faranneef, nama hundaaf of eeggannoo kenna. Keessumattuu yihudoota saba isatiif, kunis ofii isaanii warra kaan caalaa qulqulloota akka ta’anitti waan of laakka’aniif, akkasumas namoota kaan ofii gaditti waan ilaalaniif. Firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan garuu namoota akkasii kanarratti ni dhufa. 2:17-29: Seera Qabaachuu Duwwaan Kan Hin Geenye Ta’uusaa: seeraan namnin Waaqayyootti dhi’aachuu akka hin danda’in gaaffilee garaa garaatiin isaan hubachiisuuf yaala. BOQONNAA 3 3:1-8: Qajeelina Waaqayyoo Fi Ja’ina Namootaa: Asirratti Phaawuloos gama yihudootaa ta’ee dubbata. Asittis gaafillee gara garaa kaasa. Faayidaan yihudii ta’uus “sagaleen abdii Yihudootatti kennamuu isaati” jedha. Kanas kan godheef yaada Phaawuloos dubbachaa tureen akka of hin tuffanneef ture. Amanamuu dhabuun yihudoota qajeelummaa Waaqayyoo mul’ise erga ta’ee, amanachuun isaaniis caalaatti akka mul’isu dubbata. Namoonni tokkoo tokko garuu cubbuu baay’ee yoo hojjanne araarri Waaqayyoos ni baay’ata jechaa, yaada barsiisa Phaawuloos irraa hin ta’in odeessaa turan. Kunis soba ta’uusaa isaaniif ibsa. 3:9-20: Namni Qajeelaan Tokko Ille Hin Jiru: kanas yihudootaa fi warra yihudoota hin taane gidduu garaagarummaan akka hin jirre argisiisuuf dubbate. Kana qofas osoo hin taane nuu fi saboota saboota olla keenyaa gidduu garaa garummaan akka hin jirree fi dhala namaa hundumaaf ilaalcha gaarii akka qabaannu, jaalalaan nu barsiisa. 3:21-31: Akka Itti Waaqayyo Qajeelaa Nama Godhu: kunis seeraan osoo hin taane amantiidhaan argama. Qajeelummaa jechuunis Waaqayyoo biratti fudhatama argachuu yookiin mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf ulaagaa barbaachisu guutuu jechuu dha. BOQONNAA 4 4:1-12: Abrihaam Amantiidhaan Qajeelaa Ta’uu Isaa: “ Abrihaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti laakka’ameef” jedha. Kunis haala laaluudhaan, of laaluudhaanis osoo hin taane Waaqayyo isa hunduma danda’utti amanachuu isaatiin argame. 4:13-25: Abdiin Waaqayyoo Karaa Amantii Raawwatamuu Isaa: abdii Abrihaamiif kenname addunyaa hundaaf kan inni ta’u seera eeguudhaan osoo hin taane amantiidhaan ta’a. kanaanis abdiin Waaqayyo Abrihaamiif gale ni raawwatama. BOQONNAA 5 5:1-5: Waaqayyo Duratti Qajeelaa Ta’uu: amantiidhaan qajeelota ta’uu keenyaan Waaqayyoo wajjiin nagaa qabna. Kunis isa wajjiin araaramuu keenyaan dhufa. Akkasumas gammachuu qabna. Amantiidhaanis dhaaltota isaa taaneerra. “Nuyi amma illee of dadhaboo taanee jirruu yeroon yaadame yommuu ga’etti Kiristoos warra akkuma keenya Waaqayyoo irraa fagaatan hundumaaf du’e. Tarii namni nama waan gaarii godhe tokkoof du’uuf fedha qaba ta’a malee…” Dadhaboota jechuun isaa, diduudhaafis seerichaaf bitamuudhaafis human kan hin qabne jechuudha. Kanaaf yeroo Waaqayyo diina kee jaaladhu jedhu dinqisiifachuun nurra hin jiraatu. 5:12-21: Duuni Addaamiin Jireeny Immoo Kiristoosiin Dhufuu Isaa: Duuni gara ilmaan namaa hundumaa dhufee ture. Muusee fi Abrihaam gidduu waaggaa 400 tu jira. Seerri garuu muuseef kenname. Seerri cubbuun maal akak ta’e namatti hima. Seera irraan darbuun cubbuudha. Namnoota seera qaban seeratu itti farada. Seera dura kanneen jiran seera Waaqayyo laphee isaaniirra kaa’e dhaga’uu yoo baatan du’atu isaaniif qophaa’eera. Kunis ilma namaa kan ta’e hundi karaa Addaam waan du’uuf. Nuuf garuu jireenyi argameera innis karaa Yesuus Kiristoosiitiin mul’ate. BOQONNAA 6 6:1-14: Cubbuu Jalaa Du’anii Kiristoos Jala Jiraachuu: Nuuti cubbuudhaaf duuneerra. Jireenya keenya isa kana booda jiru Kiristoosiif malee cubbuudhaaf hin jiraannu. 6:15-23: Garbummaa Cubbuu Jalaa Ba’anii Hojjetaa Qajeelinaa Ta’uu: Namni cubbuu hojjetu garbicha cubbuu ti. Namni Waaqayyoof ajajamu qajeelummaa waan godhuuf garbicha qajeelummaa ti. Kunis guutumatti angoo Waaqayyoo jala ta’uu jechuu dha. Bu’aan isaas: Gara qulqullumaatti nu qajeelcha: qulqullummaa malee Waaqayyoo arguun hin danda’amu. Gara jireenya barabaraatti nu geessa. BOQONNAA 7 7:1-6: Seeraa Fi Fakkeenya Gaa’elaa: Fakkeenyi isirratti kenname waggaa 1500 dura yihudootaaf karaa Muusee kennamee ture. Namoonni barreesseef kunis baay’een isaanii yihudoota turan. Sababnis “ isin warra seera hubattanitti nan dubbadha” yeroo jedhu yihudoota ta’uu argisiisa. Seera akka abbaa manaatti, yihudootas akka haadha manaatti fudhatee isaan barsiisa. Hanga abbaan manaa sun jirutti haati manaa isatti hidhamtee akka inni jiru, erga inni du’ee booda hiikamtee akka jirtu isaanis beeku. Kanaafis yihudoonni seera jalaa ba’anii gara ayyaana karaa Kiristoos argamuuttu akka dhufuu qabanii fi kunis yakkaa akka hin taane dubbata. 7:7-13: Hojii Seeraa: cubbuun maal akka ta’e kan beeksisu seera dha. Du’a kan fide garuu seera osoo hin taane cubbuu dha. Seerri qulqulluu, qajeelaa fi gaarii akka ta’e dubbata. 7:14-25: Wal’aansoo Nama Keessaa: falmii kun osoo hin amanin ta’ee erga amannes jiraachuu danda’a. Garuu erga Kiristoositti amannee eenyummaa keenya isa moofaa waan fannisnuuf garbicha cubbuu ta’uu hin dandeenyu. “ cubbuu isa na keessa jirutu na hijjachiisa…” kan inni jedhu miira cubbuu keessa namaa jiru jechuudha. “ana nama gadadamaa, foon isa gara du’aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa? Karaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos…” furmaanni isaas ibsamee jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Fannoo Kiristoos jalatti baqannee fedhii isaa hamaa sana fannisuu dha. BOQONNAA 8 8:1-17: Hafuura Waaqayyoon Gaggeeffamanii Jiraachuu: seerri yihudootaaf kenname firdii qaba. Firdichis du’adha. Kana jalaas kan nu baasu “eegaa amma firdiin warra Kiristoos Yesuusitti qabamanii jiraatanitti faradamu hin jiru” isa jedhuu dha. Qajeelummaan nuuf lakkaa’amus kan keenya osoo hin taane kan Kiristoosii ti. Sababni isaas inni osoo cubbuu tokkolle hin qabaatin fannoorratti du’uudhaan nuuf jedhee cubbamaa waan ta’eef. 8:18-29: Ulfina Isa Mul’achuuf Jiru: namni akka Phaawuloosiitti rakkinni irra ga’e muraasa dha 2Qor 6:4-10, 11:23-28. Garuu garuu yeroo ulfina isa dhufuuf jiru saniin wal bira qabamu inni kun homaa miti. Kanaaf nuutis ulfina sana of duratti ilaallee obsaa Waaqayyoo eeggachuu, tajaajiluu fi isaaf abboomamuutu nurraa eegama. Uumamni hundinuu mul’achuu keenya eegaa jira. Nuuti garuu abdii keenya sana bira ammayyuu hin geenye. Lafarra hamma jiruutti foon keenya kanaan rakkina baay’ee argina. Kanaafis Waaqayyoo kannaa nuuf kenne qaba. Innis: i. Hafuura Qulqulluu: akka nuuf kadhatuuf ii. Yesuus Kiristoos: akka nuuf kadhatuuf 8:30-39: Waaqayyo Kiristoosiin Guddaa Nu Jaalachuu Isaa: Waaqayyo wajjiin jiraannaan wanti nuun mormu hin jiru. Jireenya qajeellummaa keessatti jaalala, gammachuu, dhiifama, fayyina, dhaala waaqarraa, kennaa hunda caalu Ilmasaatu nuuf kennama. Akkasumas ilmasaa wajjiin kennaawwan xixiqqoo ta’nis itti nuuf dabalamu. Kanaaf nuutis jireenya keenya keessatti wanta Waaqayyoodhaan olitti jaalannu qabaachuu hin qabnu. Kanas jireenya keenya keessa ilaallee mirkaneeffachuu qabna. Kutaan kun kutaa namoonni ittiin jajjabaatanii dha. BOQONNAA 9 9:1-5: Waa’ee Saba Waaqayyoof Foo’amee: israa’eloonni saba Waaqayyoof foo’ame ta’us, kennaa Waaqayyo karaa Kiristoos isaaniif kenne beekuu dhabuu isaaniitiin Phaawuloos gadda isaa dubbata. Haata’uu malee waadaan Waaqayyoo waan hin diigamneef eebbi Abrihaam warra Kiristoositti amanan hundumaaf karaa amantii ta’eera. 9:19-29: Dheekamsaa Fi Araara Waaqayyoo: meeshaan suphee tokko nama isa dha’uun maaliif akkas na goota akka hin jenne, inni kaan meeshaa ulfinaatiif, kaan meeshaa salphinaatiif hojjata. Akkamille taanaan Waaqayyo hojii isaatiin hin komatamu Waaqayyo yeroo hunda sirriidha. BOQONNAA 10 10:1-4: Yihudoonni Karaa Malee Qajeelummaa Barbaaduu Isaanii: Kiristoos xumura seeraati. Kanaafis erga Kiristoos dhufe booda gara Waaqayyootti dhi’aachuudhaaf seera hordofuun bara kakuu haaraatti sirrii miti. Inni karaa sirrii gara Waaqayyootti geessuu dha Yoh 14:6. 10:5-21: Fayyini Nama Hundumaaf Ta’uu Isaa: Kiristoos karaa fayyina keenyaa ti. Isa barbaaduudhaafis namoonni akka ol hin bane inni gad bu’eera. Gara si’ooliittis akka hin buuneef inni du’aa ka’eera. Kanaaf fayyina argachuudhaaf “Yesuus gooftaa akka ta’e afaan keetiin yo beeksifte, Waaqayyo du’aa akka isa kaase garaa keetti yo amante fayyina barabaraa in argatta”. BOQONNAA 11 11:1-12: Araara Waaqayyoo Saba Israa’el Irratti: Fakkeenya yeroo Eliyaas turee fudhachuudhaan harra Israa’eloota keessaa namoonni amanan akka jiranii fi abdiin akka jiru dubbata. 11:13-24: Fayyina Warra Saba Waaqayyoo Hin Ta’inii: Yihudoonnis abdii fayyinaa akka qabanii fi warri yihudoota hin taanes akka ol of hin qabne dubbata. 11:25-36: Araarri Waaqayyoo Hundumaaf Ta’uu Isaa: Fayyini Waaqayyoo nama hundumaaf akka inni ta’e dubbata. Israa’eloonnis abdii akka qaban macaafa raajicha Isaayaas irraa dubbata. Isa 59:20. BOQONNAA 12 12:1-8: Waaqayyoodhaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: hojii kiristiyaanotaa keessaa inni guddaan namummaa ofii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhi’eessuu dha. Namummaan keenya kuni isa moofaa osoo hin taane isa haaraa ta’uu qaba. Hamma amantii Waaqayyo nuuf kenneettis jiraannee, kennaalee hafuura adda adda kanneen nuuf kennamaniin Waaqayyo tajaajiluu qabna. 12:9-21: Namootaaf Hojjachuudhaaf Jiraachuu: kunis kanneen armaan gadii ta’uu danda’a: Jaalala qabaachuu Waan dhimma baasuuf dhibaa’uu dhabuu Waan hamaa jibbanii waan gaarii faana bu’uu Wal gargaaruu Keessummaa wal fudhachuu Warra gammadan waliin gammaduu Warra gaddan walii gadduu Warra jireenya gad bu’aa keessa jiran waliin ta’uudhaaf eeyyamuu Hamaa gaariidhaan deebisuu Haloo ba’uu dhabuu BOQONNAA 13 13:1-7: Waan Warra Aboo Qabaniif Gochuun Ta’u: Angoon hundi Waaqayyoo biraa waan dhufuuf warra isin irratti aboo qabaniif abboomamaa. Fak 8:15-16, Yoh 19:10-11. Isaaniif abboomamuu diduun Waaqayyoof abboomamuu diduu dha. Isaan warra Waaqayyo nama hamaa hojjatan ittiin adabuudhaaf kaa’atee dha. Gaaffiin guddaan asitti ka’u, “ yoo isaan waan hamaa Waaqayyoof hin taane hojjatan ta’e hoo?” kan jedhuu dha. Deebiin isaas abboomamuu hin qabnu kan jedhuu dha. Isaaniif osoo hin taane yaada Waaqayyootiif abboomamuu qabna. HoE 4:18-20, HoE 5:29. 13:8-10: Waan Waliif Gochuun Ta’u: jaalalli gudunfaa seeraa waan ta’ee jaalala yoo ta’e malee gatii walirraa qabaachuu akka hin qabne dubbata. Kana jechuun walirraa hin liqeeffatinaa jechuu miti. Nama liqeeffatuus liqeessaa waan jedhamneef liqeeffachuun cubbuu hin ta’u. Garuu yoo liqeeffanne dafnee deebisuu qabna. Gatiin nurra jiraachuu qabu kan jaalalaa qofa ta’uu qaba. Nama biro akkuma mataa keenya jaalannu jaalachuu qabna. Akkasumas guyyichi waan dhi’aateef hirribaa dammaquu (Hirriiba Hafuuraa) akka qabnu dubbata. Gooftaan keenya akkuma hattuu, halkaniin tasa dhufa. Guyyaa dhufatii isaan Abbaa malee kan beeku hin jiru BOQONNAA 14 14:1-12: Yaada Waliitti Dafanii Akka Hin Faranne: yeroo baay’ee namoonni amantiitti jajjaboo ta’an kanneen dadhaboo ta’anitti dafanii faradu. Kun garuu Kiristoosiin baay’ee gaddisiisa. Sababi kanaafis karaa walitti argisiisuu malee dadhabina hafuuraatiif nama kamittuu faraduu akka hin qabnee fi Waaqayyo isaa jabeessuu akka danda’u beekuu qabna. 14:13-23: Amantoota Karaa Waaqayyoo Irraa Akka Hin Gufachiifne: keessumattu seera nyaataatiin gufuu walitti ta’uu akka hin qabne dubbata. Wanta gara keessaatti seenu osoo hin taane keessa namaatii ba’utu nama xureessa. Sababni isaas keessi namaa yaada hamaadhaan gutamee jira. BOQONNAA 15 15:1-6: Warra Kaan Gammachiisuus Of Gammachiisuu Dura Bu’uu Akka Qabu: namoonni amantiitti ciccimoo ta’an warren dadhaboo ta’amn baachuu qabu malee ofii isaanii qofa gammachiisuudhaaf jiraachuu hin qaban. 15:7-13: Wangeelli Warra Yihudoota Hin Ta’iniifis Kennamuu Isaa: kun yihudoonni warra yihudoota hin taane akka simataniif, garaa garummaa tokko malee waliin akka waaqeffata dubbata 15:14-21: Sababii Akkasitti Caafeef Mul’isuu Isaa: hafuurri qulqulluu isa wajjiin ta’ee hojii guddaa warra yihudoota hin taane gidduutti waan hojjateef. 15:22-33: Akeeka Roomaa Dhaquu Isaatii Mul’isuu Isaa: Yeroo gargaarsa fuudhee warra Iyerusaalem jiraniif geessu achumaan isaan argee yaada isaatti akka boqotuuf ture. BOQONNAA 16 16:1-16: Amantoota Tokko Tokkoof Nagaa Erguu Isaa: warren beekuuf, hidhata tajaajilaa warren waliif qabuuf, galata namoota qabuufii fi namoota hundumaaf dhiheessa. 16:17-24: Gara Dhumaatti Gorsa Kennuu Isaa: namoota gargar ba’uu fidaanii fi daandii keessanirra gufuu kaa’an irraa fagaadhaa, waan gaarii gochuuf ogeessota ta’aa jedhee isaan gorsa. Xaalayaa kana Kan barreesseef Nama Xerxiwos jedhamu ture. Innis nagaa isaaf dhaama. 16:25-27: Waaqayyoon Galateeffachuun Dubbii Isaa Dhaabuu Isaa: Dhoksaa Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos ifatti ba’uu isaatiif Waaqayyoo galateeffatee xumura ----------xumuraa-----------